Loading...
「ツール」は右上に移動しました。
利用したサーバー: natural-voltaic-titanium
12いいね 349回再生

Dhandhama Oduu| VOA Afaan Oromoo

🔷 Prezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleneskii biyyi isaanii walii galtee albuuda addaa “rare earth” jedhamu Yunaayitid Isteetis waliin mallatteessuuf qophii ta’uu ishee akkasumas hariiroo prezidaantii Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp waliin Qaban bakkatti akka deebisan kan amanan ta’uu Dilbata kaleessaa beeksisan. Tiramp, Zeleneksiin kan galata hin qabaanne jechuu dhaan ennaa marii isaanii JImaata darbee dubbatanii, walii galteen albuudaa sun kan Yunaayitid Isteetis gargaarsaan Yukireeniif kennite doolaara biliyoonaan laka’amu mala ittiin deebifachuu ti jedhan.
🔷 Israa’el Dilbata kaleessaa Konkolaataan gargaarsaa gara Gaazaa akka hin seenne dhorkuu dhaan, sababiin isaas walii galtee lola dhaabiinsa torbanneen ja’aaf dhaabatee ture irratti wal dhibdeen uumame hammaachuu isaatiini. Konklaataan gargaarsaa kun qaxxaamura Daangaa Raafaa kan Masrii irratti danqamanii turan.
🔷 Badhaasi Oskaarii 97ffaan Dilbata darbe mana Tiyaatiraa Doolbii kan Hooliiwod, Los Aanjeles keessatti geggeesseme. Ediriyaan Biroodii Oskaarii isaanii lammataa fudhatee kan gale yoo ta’u, Miikii Maadisen immoo taatoo dubartii filatamte ta’uu dhaan badhaafamte.

Sagaleen Ameerikaa Sagantaan Afaan Oromoo oduu fi qophiiwwan dhimmoota wayitaawoo, akkasumas aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonna, misooma fi ispoortii laallatan Wixataa amma Jimaataatti galgala sa’aa 8:30 irraa jalqabee dhiheessa. Nu hordofaa.

» Subskiraayib godhaa: bit.ly/43rqZJa
» Vidiiyoo dabalataa laaluuf: youtube.com/c/VOAAfaanOromoo

VOA Afaan Oromoo hordofaa:
» MARSARIITII – www.voaafaanoromoo.com/
» FEESBUUKII KEENYA LIKE GODHAA – www.facebook.com/VOAAfaanOromoo
» INSTAGRAAMII IRRATTI NUHORDOFAA – www.instagram.com/voaafaanoromoo
» TWITERII IRRATTI NUHORDOFAA – www.twitter.com/VOAAfaanOromoo

コメント